Dubartoota Oromoof guyyaa kabajamaa addaa haa qabaannu- Obbo Alamaayyoo Qubee

Ireechaa Oromo 2015.png

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Dubartoota Oromoof guyyaa kabajamaa addaa haa qabaannu- Obbo Alamaayyoo Qubee Bitootessa 3,2024 sa'a 11 irraa qophiin eegala.


 Guyyaa Oromtittii

Ummata Oromoo hawaasa Vic Melbourne Keessa Jiraattan Hundaaf.

 Guyyaa Dubartoota Oromoof Kabajaa Kenninuu fi Jaalala Qabnu Muldhisuuf jedhcha Guyyaa Oromtittii ( Guyyaa Siin-qee) kabajuuf qophiin xumuramee jira.  Guyyaan:  Bitootessa (March) gaafa 3, 2024

Bakki: Braeside Park, Lower Dandenong Road, Vic, 3195

Guyyaa kana argamuun dhiironni Oromoo hadhamanaa (haadha warraa) akkasumas obboleettota keessaniif kabajaa kennitan waan ta’eef qophii kana irratti miidhagdanii argamuuf GUYYAA Oromtittii (SIINQEE) akka kabajnu haa ta’u.

 Akkuma beekamu Seenaa Ummata Oromoo keessatti dubartooti Oromoo guddina hawaasaa fi jireenya saba Oromoo keessatti qooda gumaachaa asiin gahan guddaa dha. Ummata Oromoo jiraachisuun eenyummaan sabichaa fi biyya Oromiyaa beekkamtii argatee tarree saba adduunyaa keessatti muldhisuu irratti qooda guddaa argamsiisaa turanii fi jiran laayyoo miti.

 Sirna Gadaa keessatti dubartootni fi shamarran Oromo adda-duree nagaa fi nagahoomaa, kan araaraa fi jaalalaa akkasumas burqaa gorsaa fi qaroominaa ta’anii muldhachaa turuu seenaan sirnichaa ragaa baha. Ijaarsi bultii fi maatii, jireenya warraa fi qe’ee gaheen isaa guutummaatti dubartoota Oromoo harka jira. Hundeen Siin-qe’ee fi Ateetee aadaa fi sirna bulchiisaa hawaasaa keessatti mallattoo fi jabina dubartoota Oromoo muldhisa.

 Seenaa Oromoon har’a keessa jiru keessatti gaheen dubartooti Oromoo hawaasa biyya alaa fi Oromiyaa keessatti bakkoota Oromoon bifa adda addaan of ijaaree jiru mara keessatti qooda kennaa jiran guddaa fi ol’aanaa dha.

Kanaaf, Dhiironni Oromoo, kanneen abbaa, abbaa warraa ta’an, obboleessaa ykn ilma ta’an guyyaa ulfinaa fi kabajaa dubartootaaf kennan tokko qopheessuun murteessaa waan ta’eef, waggaatti guyyaa adda tahe tokko Dubartoota keenyaaf ulfina ol aanaa kennuufiin qophii wagga jalqabuun seenaa Oromoo keessatti boqonnaa haaraa tokko banuun barbaachisaa dha.

 I. Barbaachisummaa Dubartootaaf Kabaja Kennuu

a. Gahee dubartooti Oromoo ummata Oromoof kafalan akkasumas ijaarsa hawaasummaa jiru keessatti hirmaatnaa isaan taasisan guddaa waan ta’eef.

b. Maatii ofii guddisuu fi jaraachisuu keessatti qooda guddaa waan qabaniif,

c. Abbootii manaa ykn abbaa warraa ofii kunuunsuu qaama isaa ta’anii jiruu fi jireenya isaa keessatti bakka muteessaa fi gahee guddaa waan qabaniif.

d. Hawaasa Oromoof kabajaa guddaa kennuun bakka gammachuu fi rakkoo hawaasaa keessatti cichoominaan nuffii tokko malee Yeroo hunda waan itti dhama’aniif

e. Waldaalee fi hawaasa Oromoo keessatti hir’ina jiru hunda kan guutanii fi mudaa argamu hunda kan qajeelchan waan ta’aniif.

f. Haala kanneen olitti tuqamanii fi biroof jedhcha dubartooti Oromoo irree fi gaachana hawaasa Oromoo akkasumsa dandeessuu waan hundaa waan ta’aniif dhiironni Oromoo kabajaa, ulfinaa fi jaalala isanii malu kennuufiin barbaachisaa waan ta’eef guyyaa kabajaa dubartoota Oromoo wagga waggaan kabajamuun barbaachisaa dha.

II. Akkaataa Kabajaa.

a. Dhiironni Oromoo waggaatti guyyaa tokko guyyaa kabajaa fi ulfina durbartoota Oromoo qindeessuun ykn qophaawu irratti hirmaatanii dubartoota Oromoo galateeffatan, ulfinaa fi jaalala qabaniif muldhisan, jajjabeessan, jaalalaa fi ulfina qabaniif akka naannoo fi bakka keessa jiraataniitti walitti dhufanii kabajan, bakka qophiin kun ta’utti argamuun gammachuun waliin dabarsuu.

b. Shamarran Oromoo guyyaa kanatti uccuu aadaa Oromoon faayamanii bakka qophii kanatti argamuun ulfina dhiironni kennaniif irratti hirmaachuun guyyicha gammachuu fi qananiin kabajataa oolu.

III. Yeroo Kabajaa

Guyyaan kabajaa dubartoota Oromoo waggaatti yeroo tokko ta’a. Yeroon isaa akka naannoo fi biyya keessa jiraniitti yeroo birraa mukkeen daraaranii abaaboo fi ililliin umami Waaqaa faayamu ta’a. Abaaboo ykn ilillii fi lalisi mukkeenii mallattoo miidhaginaa fi jaalalaa waan muldhisuuf yeroon kabajaa guyyaa durbartoota Oromoos yeroo birraa mukkeen daddaraaran ta’a jedhchuu dha.

Kanaaf hawaasi Oromoo magaalaa Mellbourne jiraattan guyyaa kabajamaa kana irratti haadhotii manaa keessan fi oboleettota keessan waliin argamuun kabajaa fi jaalala qabdan akka muldhiftan waamicha isinii goona.

Hawaasa Oromoo Melbourne Vic Australia.

Galatoomaa.

Guyyaa Oromtittii( Guyyaa Siinqee)

Day of glory and Love for Women ( Siinqee)

Odeeffatnoof obbo Alamaayyoo Qubee dubbisaa 0424766150


 


Share