Jijjiirama miiraa moo Daafirummaa dahumsa boodaa? Akkamiin abbaa ykn haadha warraa ofii gargaaru?

Australia Explained - Postnatal Depression

Postnatal depression? How to help yourself and your partner Credit: PonyWang/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Mucaa godhachuuf jedhtuu moo maatii reef haaraa dha? Ati ykn jaalalleen kee yeroo mucaa argattan booda Jijjiirama miiraa isin mudachuu danda'a. mallattooleen namatti hin tolle kun giddu galeessa akkasumas yeroof tahuu mala. Daafirummaan dahumsa boodaa lameen abbaafis tahe haadhaaf adda adda, Maatii naga-qabeessa qabaachuuf, lameen keessanuu miira kana garaagarummaa isaa hubachuun akkamitti gargaarsi akka isinii argamu beekuun baayyee barbaachisaa dha.


Tuqaalee Ijoo
  • daafirummaan dahumsa boodaa jijjiirama miiraa yeroo ulfaa caalaa yeroo dheeraa fudhata, akkasumas mallattoo hamoo tahan qaba.
  • haadholii haaraan harka shan keessaa hagi 1 abbootii haaraa keessaa ammoo kudhan keessaa tokko daafirummaa dahumsa boodaan rukutamu.
  • Tajaajilli kanneen akka kununsa qor-qalbii ykn qorsa daafirummaa fi akkasumas namoota qabaachuun maatii haaraa kana akka isaan gargaarsa argatanii dandamatan gargaara. .

Harka shan keessaa afur dahumsa booda miira jijjiiramaa akka qabaatan tilmaamama.

Miirri namatti hin tolle kun yeroo baayyee jijjiirama hormoonii irraa kan ka’e yoo tahu, amalli kun jinnaahuu, yaaddoo , immimmaan ija guutuu fi hir’ba rafuu dadhabuufaa dabalata.
Hagam rakkoo tahu iyyuu garuu miirri akkasii kun wal’aansa fayyaa utuu hin barbaadin dafee nama dhiisa.

Yoo mallattooleen akkasii itti fufe ykn hojii idilee isaanii gufachiise fakkeenyaaf ofiis tahe mucaa isaan idileetti tajaajiluu yoo dadhaban daafirummaan qabe jechuu dha.

Juulii Borninkhof ] ogeettii xiin-sammuu kilinikaa fi Hojii Gaggeessituu Ol’aantuu kan dhaabbata Perinatal Anxiety & Depression Australia (PANDA) jedhamuu ti.

Juulii Borninkhof ] ogeettii xiin-sammuu kilinikaa fi Hojii Gaggeessituu Ol’aantuu kan dhaabbata jedhamuu ti.

Dhiphinni daafirummaan ulfooftee gara jalqabootaa keessa yoo si mudate tahe, ji’oota ilmoon garaatti qabattee jirtu sana keessaa fi da’umsa boodas uumamuu danda’a jechuun dubbatti.

Dhibeen akkasii hawaasummaa irrattis rakkina qabaachuu danda'a jedhti aadde Borninkhof.

"Hir’iba dhabuun, ykn dabraa rafuun ykn ammo ciruma isaa rafuu dhabuun, akka yeroo kaanii nyaataa fi bishaan soorachuu dhabuun kun hundi akkuma nama kamuu jireenya keessatti daafirummaan mudatuutti irraa calaqqisa."

Sababoota daafirummaa yeroo ulfaa nama mudatanii tokko tokkoon ibsiti aadde Borninkhof

“Namootni maatii achii as dhufaan mudata akkasii qaban akka jiran ni beekna, sanyiin kan dabru, akkasumas sababoota kanaaf saaxilan kan qaban. Namootni tokko tokko jireenya isaanii keessatti bu’aa bahii fi gidiraa hedduu dabarsan daafirummaa ykn yaaddoo Kanaan qabamuu ni malu.  Dhibeen daafirummaa fi yaaddoo namoota baayyeef wanneen adda adda tahan miti.  Kanaafuu namootni lameen isaanii iyyuu si’a tokkotti argachuu ni malu.”

Every pregnancy is unique, and similarly, each case of perinatal depression is different.
Ulfi nama kamii iyyuu adda adda, akkasuma ammoo sababootni daafirummaa yeroo ulfaa uumanis adda adda.

Haadha mucaa wagga sadii Azai jedhamu yeroo deesse Saaraan, yeroo ilmoo garaatti baataa turte gammadduu fi miira of- qopheessuunis guutamtee turte.

"Dhugaa dubbachuuf sababa malee harka jahatamaa fi torbaatam kan tahu guyyaatti bohaan oola. Waanuma idilee mucaa koof waa gochuuf sodaanin guutama. Harma hoosisuu, halkan mucaaf jedhee ka’uu, wajjiin taphadhee guddina mucaa koo ilaaluu, waanuma salphaa kanneen akka gochuuf garmaleen sodaadha, yeroo baayyee sodaadhumanin guutama ture. Kun dhugumatti haga kana na irra turuun fayyummaa miti kan jedhun hubachaa deeme."

Saaraan Banglaadishitti kan dhalatte yoo tahu, Australia keessa wagga digdamaaf jiraatte.

" Bangladish keessatti salphaadhumatti namaan "daafirummaa dahumsa boodaatu na argate, gargaarsan barbaada jedhanii himachuun hin baramne. Garuu kan koo adda ture, warri koo baayyee hubatoo dha, abbaan koo akkan ogeessa fayyaa dubbisu na gorse".
Australia Explained - Postnatal Depression
Regardless of ethnicity or culture, reaching out for help during perinatal depression can be hard for some people. Credit: FatCamera/Getty Images
Daafirummaa yeroo ulfaa ilaalchisee Australia keessatti amma illee itti qaanfatamuun jiraachuu amanti saaraan.

”Ammayyuu mata duree qaanfachiisaa dha..... namootni waa'ee kanaa irraa akka itti dubbatan hin beekan."

"Hiriyoota koo bakka hojii fi Australiynoota naannoo kootti dubbadheera. harka afur keessaa tokko akkuma waa'ee kanaa irra itti dubbatan hin beekan. Dhugumatti itti qaanfachuun ni jira, bal'inaan jira, aadaa qofa irraa miti, akka natti fakkaatutti"

Akka Jakqui Barnfield, jedhtutti daafurummaan yeroo ulfaa (perinatal depression) Yeroo hedduu dubartoota qofaa miidha kan jedhan ni jiran.

Isheen Gaggeessituu Itti-mataa Tajaajila Dahumsaa kan bakka jedhanii, akkasumas tajaajila yeroo gaaga’amiinsaa kan Keessattuu gorsa qalbii dhiirotaaf toora Tooradhiirotaa () jedhuun kennamuu ti.

"Fakkeenya ofii koon isinii kenna. Abbaan manaa kiyya, yeroo ani ulfaa daafirummaan isa mudatee ture. Dubbeen ogummaa koo nurse fayyyaa sammuu waan taheef, utuu inni natti hin himin maaltu akka isa mudataa jiru bareen ture."
Australia Explained - Postnatal Depression
“Everyone's experience is different. And it doesn't matter whether you're a father or a mother. Perinatal depression impacts both,” says Dr Barnfield. Source: Moment RF / Vera Vita/Getty Images
Dhiirota kudhan keessaa tokko dubartoothni shan keessaa harki tokko daafurummaa yeroo dahumsaa akka qabaatantu tilmaamama.

Dr Barnfield akka ibsitutti, sababootni kanuma durmattuu daafirummaa namootni jireenya isaanii keessatti argachuu malan wal fakkaata jedhti.

"jijjiiramni tahu miidhaa jabaa geessisuu danda, baayyeen isaa namni dhuunfaa tokko waan inni eegu irraa, kan namootni nama irraa eeganii, fi akkasumas sab-qunnamtii hawaasaa irra wanneen deemanfaa irratti hundaawa. "

" Yoo tarii akka maatiin biraa jiraatanitti jiraachuun wal bira qabdee of ilaalta tahe, ykn abbaa ba'aa biraa of irratti dabalee dhiibbaa adda addaa keessa of seensisu tahefaa kun kun dhibee akkasii fiduu danda'a. "

Dr Barnfield akka jedhtutti, jaalallee kee waliin dubbachuun haala keessa jirtan waliif ibsuun akkamtti akka irra aanaa jirtan waliif ibsuun , akka warra haaraa reef maatii horatuutti maal akka isinitti dhagahamu walii himuun barbaachisaa dha.

"Yoodhuma illee waan goodhtu hin beektu tahe, akka waan goodhtu waláaltee si illee si dhibe ishiitti himi, dogoggorinnaa jedhtee sodaa qabdu illee himiif, waliin furmaata itti godhaa, dubbii furtuun kana waan taheef."

“Dhiirotni yeroo baayyee akka jabaa tahuu ykn jabaa fakkaachuutu itti himamaa guddatan. Nama of ibsuun isaan hin barbaachifne, waanuma barbaadan godhanii bilisa kan deeman, akkasitti guddatan. "

“Daafirummaa yeroo haati manaa ulfaan jirtuu kana dhiirri illee itti dhagahama. Garuu, of kopheessu, kophummaan dhuunfatamu, garuu waaée isaa dubbachuu hin barbaadan."

Daafirummaan dhahumsa boodaa wal''aansa qaba. ogeessi fayyaa kee si qoratee tajaajila siif tahu sii akeeka.
Muuxannoo koo irraa jedhti, Saaraan, haadholii haaraan dukkana booda ifni jiraachuu beekuu qabu jedhti.
Australia Explained - Postnatal Depression
silhouette asian new parents couple are having conflict and argument nearby windows at home while woman holding their baby Credit: PonyWang/Getty Images
Isheef qoricha daafurummaan ittiin of irraa hir’istu (antidepresant) akka wallaansaatti kennameef. Yeroo wallaansa argataa turtettis wallaansi taasisameef qalbii ishee hedduu gargaaree jira.

" Ani akkuma qabsiiftuu ifaan tahe, sababni isaa guyyaa tokko , hir'ibaa ka'een nyaata bilcheesuufaan barbaade, mucaa koof nyaata hojjechuun barbaade. Achii , kunis dansa jedheen, xiqqoo natti tolaa dhufe. Guyyaa saniin booda , fooyyawaadhuman deemed."

Fayyaa sammuu ofii guyya guyyaan hordofuun gorsa tokkoffaa dha jechuun dubbatti Saaraan maatii reef daa'ima godhataniif.

PANDA’s irraa aadde Borninkhof kana irratti walii galti.

Daafirummaa dhahumsa booda uumamuu maluuf of-qopheessun yeroo nama mudatu gargaarsa gaafachuuf nama fayyada jechuun gad jabeessitee ibsiti. S

“Akkuma yeroo da’umsaaf Karoora qabattaniitti walumaan tajaajila qor-qalbii da’umsa boodaas Karoora hordoffii fayyaa keessa galfachuun gaarii dha. Reef mucaa godhattus tahe ykn muuxannoo qabdu yoo tahe, da’umsi hunduu gara gara waan taheef karoorri kun barbaachisaa dha. Akkasumas namoota durmaanuu dhibee fayyaatti salphaatti saaxilamanii fi dhibee samamuu qaban, maaltu Kanaan dura isaan akka gargaare beekuun akka itti fayyadaman jajjabeessina.  Sunis yeroo rakkoo kana keessatti xiqqoo namoota jabeessee dhaabuu waan danda’uuf. “



Reach out for help when needed:
  • For help with perinatal anxiety and depression, call PANDA (Perinatal Anxiety & Depression Australia) on 1300 726 306 or visit  for resources translated into 40 languages. 
  • For information and free individual psychological counselling sessions (a maximum of 10 sessions) for expectant and new parents, delivered face-to-face from various locations in NSW, QLD and VIC, or telehealth sessions, visit the . 
  • For LGBTIQ+ support with mental health, contact QLife on 1800 184 527 or visit . 
  • For 24/7 crisis support, call  on 13 11 14. 
  • For telephone and online counselling services specific to men, call Mensline on 1300 78 99 78 or visit

Share