Bu’aa fi carraa barsiisummaa Australia keessaa qorachuu

Aboriginal teacher smiling at boy and girl working in classroom

There are multiple pathways if you are considering becoming a teacher in Australia. Credit: JohnnyGreig/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Australia keessatti barsiisuun carraa guddina hojii fi ogummaa tasgabbaa’aa kan kennu yoo ta’u, barsiisota hawwii qabanii fi jijjiirraa hojii jaallataniif hawwataa dha.


Tuqaalee Ijoo
  • Carraan guddinaa damee barnootaa Australia keessatti barsiisuu filannoo hojii abdatamaa taasisa.
  • Australia keessatti barsiisuu yoo barbaadde daandiin itti si geessan hedduutu jiru.
  • Australia keessatti , godaantoota ogummaa qabaniif, daandiin barsiisaa tahutti isaan geessu Biyya irraa dhufanii fi Kutaa Biyya Australia kam hojjechuu akka barbaadan irratti hundaawa.
Barsiisonni jireenya barattoota isaanii gaarummaan kakaasuu fi humneessuu, danda’u, akkasumas egeree namootaa, hawaasaa fi ummata waliigalaa gara gaariitti qajeelchuu danda’u.

Awustiraaliyaan hawaasa fooyya’aa fi haqa qabeessa ta’e galmaan ga’uuf furtuu barnoota akka ta’etti xiyyeeffannaan guddachaa dhufuun ishee barsiisota hawwii qabaniifi hojii jijjiiran haala gaarii tahe dhiyeessa.

Zena Dabaja daayreektara hoggansa barnootaa kan Chullora Network fi itti aantuu hoggansa mana barumsa sadarkaa lammaffaa shamarranii kan Sydney keessaa ti.

Bara 1995 irraa eegaltee Damee Barmootaa kan NSWf barsiituu afaan inglishii fi Seenaa taatee hojjette.

Aadde Dabajaan hojii barsiisummaa qabachuuf maaltu akka ishee kakaase nuu qooddi.

“Yeroon ijoollummaa kootti barumsa irra ture barsiistota dinqisisoo fedhiin barmootaaf qabu ol-guddisan tokko tokko qabaadheen ture,. Jarri dhugumatti anas tahe jireenya koo irratti jijjiirama guddaa fidan. Garuu caalaatti akka ani barsiisaa ta’uuf kan na kakaase biraan tokko barsiisummaa keessatti carraalee ani barattootaaf kennuu danda’u ture, “ jedhti.

Benny Ng kana irratti walii gala.

Inni barsiisaa of-kennaa kan Melbourne keessaa hojjetu dha. Mannootii barumsaa Victoria keessatti barsiisaa sochii qaamaa ykn physical education yeroo tahu, Hong kong keessatti wagga kudha afuriif(14f) afaan inglishii akka afaan lammaffaatti barsiisaa ture.

Obbo Ng barsiisaa tahuun bu’aa guddaa qabaachuutti amana, akkasumas bu’a qabeessummaan barsiisummaa kun akka inni itti fufuuf kan isa jajjabeesse tahuu dubbata.

"Barmootni jireenya nama dhuunfaa bocuu keessatti humna jijjiiramaa akka inni qabu ijaanin arge.  Akkasumas barsiisaa sochii qaamaa ta'uun fayyaa qaamaa qofa osoo hin taane, fayyaa sammuu isaaniis akka eeggatan gargaaruu danda'a," jedha itti dabalee.
Soccer Team Meeting
Advancement opportunities in Australia's public and private education sectors make teaching a viable long-term career option. Credit: SolStock/Getty Images
Adde Dabajaan muuxannoo ishee hin dagatamne kan akkaataa hojii barsiisummaatti madaqxuuf bu’uura taheef ibsiti.

Yeroo jalqabaaf barsiisuu eegalte, garee falmii barattoota sadarkaa adda addaa irraa dhufan of keessaa qabu leenjiftee turte, barataa hir’ina dhgahuu qabu(rakkina gurraa) qabu tokko of biratti dabalattee.

“ Barataan sun barmoota ummataaf akkasumas carraa fi dandeettii barattootni hundi qabaachuu malaniif falmaa dinqisiisaa ture sababni isaa, hirínni qaamaa hirmaatnaa isaa irraa isa dhaabne waan taheef, " jedhti aadde Dabajaan.

Gartuun isaa illee sababa inni yeroo hunda iyyuu falmii barattootaa keessatti hirmaatuuf dorgommee godhan keessatti baayyee milkaawuu turan.  Yeroo mana barmootaa keenya bakka bu’ee falmu ilaalcha balfattummaa dura ni dhaabbata ture. milkaawuu ilaalchisee namoota dandeettii namaa daangessaniin ni falma ture, jedhti itti dabaltee.

Barsiisummaan hawaasaaf bu'aa ni qaba.

Adde Dabajaan, egeree isaanii itti adeemanii fi hirmaachisuuf kakaasuuf 'gahee barsiistotni dandeettii fi beekumsa barattootaa'ijaaruu keessati qaban dubbatti,

""Yeroo baayyee ani, oggaa dirree taphaa ykn bakka taphaa achi ilaaltan dandeettiin jiruu fi jiraachuu malu ni mul’atan jedha. Beektotni itti aanaan bakka taphaa kana keessaa argamuu malu, kan kanserii fayyisuu danda’u dirree taphaa kana keessa jiraachuu ni mala, " jedhti aadde Dabajaan.

University Latrobe keessatti itti aanaa dura taa’aa damee Barnootaa Professor Therese Keane, yeroo waggoota 25 oliif shamarran Saayinsii, Teeknooloojii, Engineering fi Herregaan humneessuu irratti dabarsiteetti.

“Manni barumsa barattootaaf iddoo ajaa’ibaa naannoo toátmaa keessatti barachuuf kan isaan dandeessisu dha. Yoo illee waa balleessan, iddoo toánnaa jiru, kanaafuu maal akka balleessan ni hubatu, balleessaa isaanii irraas ni baratu," jedhti aadde Keane.

Obbo Ng, barsiistotni oolmaa daaímmanii irraa kaasee haga Sadarkaa lammaffaa, akkasumas jireenya barmoota boodaaf illee guutummaa guddina fi milkaawina ijoollee irratti gumaacha gaarii qabu jedha.

Tasgabba'iinsa hojii fi guddina

Carraan guddinaa damee barnoota mootummaa fi dhuunfaa Australia keessaa barsiisummaa filatnoo hojii abdatamu taasisa.

Akkuma Aadde Dabajaan jedhtti, barsiisotni dandeettii addaa fi quuqama barsiisummaa agarsiisan mana barumsichaa geggeessuu keessatti hirmaachuuf carraa hedduu qabu.

"Barsiistotni guddina argachuuf carraawwan dinqisiisoo ta'an gosa hundatu jiran, kanneen akka garee nagooma-fayyaa geggeessuu ykn Damee hogganuu, akka naannoo barumsaa ijoo ta’anii gaggeessuuf carraawwan ni jiran.

"Gamuma Kanaan carraan akka leenjii kennuu, akkuma duudhaa duriin karuma University iyyuu guddachuun ni danda’ama, "jechuun ibsiti aadde Dabajaan.

Itti dabaltees irra deebiin leenjisuu ogeeyyiin ogummaa biraa qaban akka gara beekumsa adda addaa kanneen akka herregaa, saayinsii kompiitaraa, saayinsii, ykn illee Teeknooloojii fi Applied Science(TAS) jedhamu itti leenjiániif sagantaaleen ni jiran.

Barsiistotni qabiiyyee leenjii barmootaa guutuu isaa fi barmoota ogummaa karaa sarara interneetaa ykn fuulaa-fi-fuulaan hirmaachuu danda’u.

"Akkasumas, nuti kanneen hariiroo alaa kan waliin qabnu, kan ogummaan irra baratamu maneen barmootaa hunda keessatti raawatamu projektii qorannoo kan gaggeessan universitoota waliin akka gaarii walitti siqeenyaan dalagna. Waan nama gammachiisu, gahumsa kan namatti horu, barmoota ummataa keessatti  Karoora damichaa jala kan jiruu dha, "jedhti aadde Dabajaandabaltee.
Children sitting at desks listening to teacher holding digital tablet
Teachers also have access to a whole suite and range of professional learning courses they can participate in online and face-to-face. Credit: JohnnyGreig/Getty Images
Miindaan barsiisummaa Sadarkaa jalqabaa akka Kutaa biyyaatti fi naannoo biyyaatti adda adda tahe gara kuma torbaatamii shanii ($75,000) hanga kuma saddettamii shanii (85,000) taha, kunis kanneen ogummaa kan birotiin barmoota xumuraniin wal biratti yoo madaalame irra wayyaa tahee mul’ata.

Ogummaawwan biroo wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu yeroon mindaan diriiraa ta’us, carraan guddina hojii kan akka gahee hoggansa ykn gita hojii barsiisummaa sadarkaa olaanaa yeroon darbaa deemuun dandeettii galii argachuu dabaluu fiduu danda’a.

"Barsiisummaan daandii hojii dhaabbataa fi abdachiisaatti nama geessuu dha. Muuxannoo kiyya irraa yeroo COVID fi isa duras yeroo Dinagdeen kufuu eegale, Hong Kong fi amma ammo Australia keessatti hojiin barsiisummaa barbaadamaa tahuun arge. Keessattuu Australia keessatti kan akkaan barbaadamu barmoota eegala ijoollummaa (early childhood education) fi mana barmootaa sadarkaa lammaaffaa dha,"jedha obbo Ng.

Ms Dabaja believes that teaching is a very stable career path. Once a teacher is employed permanently and meets proficiency standards, much work is available. However, it's crucial to maintain high standards and perform to the expected level.

Adde Dabajaan, hojiin barsiisummaa baay’ee abdatamaa tahuu amanati. Barsiisotni yeroo mindeeffaman waan isaan guutuu qaban waan hedduutu jira, dhaabbataan beekumsi isaan qaramaa deema, hojiin isaaniis akkasuma Sadarkaa irra eegamutti qaramaa deema, kanaafis Sadarkaa eegamu ni qabna.

Australia keessatti barsiisaa tahuu

Australia keessatti barsiisaa tahuu yoo barbaadde kara adda addaan itti cehuu dandeessa.

Odeeffannoo si barbaachisu irra guddaa mar-sariitii irraa argachuu dandeessu, KutaaleeAustralia garagaraa keessatti barsiisaa tahuuf.

Godinaalee Australia gara garaa keessatti akkamiin barsiisaa akka tahan fi daandii gara barsiisummaatti ceesisu mar-sariittiin kun Odeeffannoo kenna.

Akka Proefessor Keane ibsitutti, karaan itti ceesisu tokko akkuma barmoota Sadarkaa lammaffaa xumurataniin kan itti seenamuu dha.

“Barataa mana barmootaa Sadarkaa lammaaffaa taatee, erga kutaa 12 xumurteen booda barmoota ogummaa barsiisummaa barattee deebitee barsiisaa tahuu dandeessa, ykn gosa barmootaa Sadarkaa ol-aanaatti, siiyinsii tahuu danda’a, aartii tahuu danda’a, baratanii, itti fufaniis barsiisummaa Sadarkaa master baratanii deebisanii barsiisaa tahuun ni jira,"jedhti Professor Keane.

Godaantota ogummaa qaban (skilled migrants) Biyya alaa irraa fiduun akkuma oguummaa kan birootti sadarkaa barmootaa isaan qaban biyya irra dhufanii fi Australia keessaa godinaa kam keessaa barsiisuu akka fedhan irratti hundaawa.

Professor Keane akka gorsitutti, Universitoota qunnamtee Sadarkaa ogummaa barmoota kee itti agarsiisuu qabda ykn kallattumaan godinaa keessaa dalaguu barbaaddutti abboomsa qajeelcha barsiisotaa (teachers' regulatory authority) qunnamuu dandeessa.

"Victoria keessatti, fakkeenya VIT kan jedhu qabna. Yoo namoonni dhugumaan hojii barsiisummaa itti fufuu fedhan, ykn yaada isaanii jijjiiranii barsiisaa tahuu fedhan, digirii isaan qaban jijjiiramuufii danda’uu, VIT dabalamuu fi godinicha keessatti ogummaa barsiisummaa Sadarkaa barbaadamuun wal madaaluu danda’uu isaa beekuuf universitii qunnamuu qabu, jechuun ibsiti Professor Keane.
Male teaching assistant explaining to primary school children in Design Technology class
The Australian teaching degree builds and fosters well-rounded professionals with diverse intellects and social skills. (Getty) Credit: 10'000 Hours/Getty Images
Barsiisotni dandeettii isaanii mul’isuuf ogummaa barmootaa sirrii tahe qabaatuu qabu, garuu tartiibni isaan salphaa dha.

Professor Keane akka jedhtutti, mana barmootaa sadrakaa lammaffaa xumurtee deegirii kee jalqabaa barsiisummaan kan akka Ogummaa Barmootaa (Bachelor of Education) eebbifamuu tahuu danda’a.

Haa tahu malee , ogummaa barmootaa gosa biro kan akka Ogummaa Saayinsii Komputeeraa (Bachelor of Computer Science), barmootaa isaa xumuraa jala yeroo geessu ‘umrii kiiya guutuu lab keessa dalaguu hin fedhu, ykn gara barsiisummaan irra filadha’ yoo jedhte murteeffachuu dandeessa.Kanaaf, warra akkasii maal godhchuun qabuu, digrii isaanii irratti waggaa lamaaf Maasterii Barsiisummaa baratu

Diigriin barsiisummaa Australia ogummaa beekumsaa bifan hundaan kan nama kaabuu fi ijaaru, hubannoo sammuu fi oguummaa jireenyaa adda addaa kan wal-qixxeessee nama barsiisuu dha jedhti.

Professor Keane, yeroo diigrii isaa barataa jiranitti barsiisummaan maaliif akka nama mirqaansu yeroo ibsitu.

"Amala, wal-qixxeenya (equity), beekumsa komputeera, aadaa abbootii dachee ni baratu. Kun hanguma tokko qofa, garuu sana irrattis dabalee, alas deemanii ogummaa isaaniif kan isaaniif tahu muuxannoo baratan ni qaban. Kana jechuun barmoota isaanii hojiidhaanis Kutaa mana barmootaa keessatti akka muuxannootti ni shaakalu. Kanaaf, ogummaa barsiisummaa argataaa, akkuma diigriin isaanii ol guddataafii deemeen, hanga digrii isaanii xumuranii barsiisummaan itti fufanitti shaakala irraa baratuu itti fufu,” jechuun bal''iftee ibsiti ," Professor Keane.

Gahee barsiistota aada -danuu Hawaasa Australia keessaa

Ms Dabaja believes that teachers from diverse backgrounds in Australia bring unique perspectives to the classroom, enriching the learning environment in several ways.

Akka Aadde Dabajaan jedhtutti Australia keessatti namootni duubbeen isaa gara gara tahe hojii barsiisummaa irratti bobba’uun yaadotni addaa barbaachisoo tahan Kutaa mana barmootaa keessatti akka barataman, naannoo ogummaa barmootaas kan gabbisu tahuu danda’a jedhti.

"Dhugumaan gosa kan biro irraa dhufuun kan akka an waa caalaatti dalaguuf kan ana jajjabeessuu dha. Mana barmootaa kanneen dingadeedhaan harka-qalleeyyii tahanii barsiiseen jira. Sababni isaa ijoollota kan warra qabeenyaan of gahoo tahaniin wal qixxeessuuf , ijoollota qabeenyaadhaan gahoo hin taane gargaaruun heddaa nama jajjabeessa. Kanaaf, waan mana barmootaatti tahu dhugumaan murteessaa dha."

"Kanaaf, wanneen jiran hubachuun, duubbee gara garaa irra dhufaniif wanneen barbaachisu guutuufiin fi wanneen danqaa itti tahan beekuun, mana barmootaa keessatti akka gartuutti irratti dalaguun, fakkeenyaaf gargaarsa, bartoota dahatoota (refugee) tahan deggeruun waan qalbii namaa gammachiisu dha," jedhti aadde Dabajaan.

Barsiisonni dubbeen adda addaa irraa dhufan yeroo baay’ee mala barsiisuu adda addaa, muuxannoo aadaa fi barnootaa isaaniin wal simsiisuuf akkaataa barsiisummaa fi filannoolee adda addaa fayyadami.

Adde Dabajaan, barsiistotni akkasii maatiis tahe barattootaaf deggersa gaarii tahuu danda’u jedhti.

"Namni isaan dhaggeeffatu, isaan qajeelchu jira, yoo isaan barbaadan. Duubbee adda addaa irraa dhufuuf bakka aada’danummaan jirutti barsiisuun, hawaasicha sooressa Australiyaan irraa bocamte sana bakka bu’uu dha.  Kun naannawa keenyaaf gat-jabeessummaa uuma, jedhti itti dabaltee.


Caalaatti waa''ee barsiisummaa baruuf as tuqi  bethatteacher.gov.au.
Dept Education_Inline.jpg
Podcast SBS kun Damee barmootaa waliin tahuun kan hojjetame dha.

Share