Barmootni kaayyoo galma gahu qabaachuu dha jedhti Milkaa Alamuu

Milkaa 100.jpg

Clinical Consultant Milka Alemu Tilahun Credit: Milka

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Qophii aaf-gaaffii SBS Afaan Oromoo irraa dabru kana keessatti, barnootni University anaaf filatnoo hin turre, akkan hojjechuu qabu nan beekan ture jedhti Milkaan Alamuu Xilahun. Ani biyya irraa wagga afurittan dhufe, xiqqummaa irraa qabeen barnoota sadarkaa gara garaa keessa dabre. Cehumsa cimaa tahuu danda’a garuu dafee baratama. Australiyaan biyya qabiyyeen barumsaaf gargaaran baayyeen jiran dha.


Barmootni kaayyoo fi akeeka galma gahuu danda’u kaayyeffatanii barachuu barbaada. San booda waan fedhanii baratan waan taheef bu’aa bahii inni qabsu salphaatti keessa dabru. Ijoollota ega guddatanii dhufaniif yoo bu’aa bahii qabaate iyyuu, itti baha isa har’a itti dhiphatanii san yaadachuu fi galii bakka gahuu qabaachuun bu’a qabeessa jedhti. Biyyoota afaan inglishii afaan isaanii hin taanee fi akkaataan jireenya adda tahe irraa dhufuunitti ulfaachuu ni mala garuu Australia keessatti wanti irraa barachuu fi hubachuuf nama gargaaran qabiiyyee baayyeetu jiru. Maatiin ijoollee gargaaruun waan hojjetaa jiran irratti jajjabeessuun gaarii dha. Irra caalaa ijoolleen university jiranis sadarkaa kamittuu baratan namoota isaan dura jiran irraa waan baayyee baratu, namootni waan wal fakkaatu baratan keessattuu hawaasa isaanii keessatti nama beekan wal deggeruu odeeffannoo wal jijjiiruu, wal irratti abdachuun wal gargaaruun wanneen ani jajjabeesu dha jedhti, anis nama gargaarsa barbaadu gargaaruuf gammachuun qaba jedhti.


Share