Aartii Abbootii Dachee: Walitti hidhatiinsa Biyyaa fi ulaa haala dabreen wal agarsiisu

Lead Image.jpg

Gamilaraay/Bigambul and Yorta Yorta artist Arkeria Rose Armstrong Credit: Arkeria Rose

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Duudhaa afaaniin dubbataman qabachuudhaan, ummatoonni Aboorijiinaa fi Torres Strait Islander, aartii akka giddu galaatti fayyadamuun seenaa aadaa isaanii, amantaa hafuuraa fi barbaachisummaa beekumsa lafaa dabarsaniiru.


Tuqaalee Ijoo
  • Hojiin aartii Saboota Duraa adda adda akkasumas tuqaan dibuuqofaan hin murtaahu.
  • Aartiin meeshaa seenaan aadaa, amantiin hafuuraa fi beekumsi dhalootaaf ittiin darbuu fi har’as itti fufee jiru keessaa isa tokkodha.
  • Hojiiwwan aartii kun artistoonni Biyya isaanii waliin walitti dhufeenya akka qabaatan gargaaru.
  • Mallattoolee hiika artistoota itti fayyadamanii irratti hundaa’a.
Hojiiwwan aartii Saboota Duraa addunyaa irratti kanneen durii keessaa tokko kan tahee fi seenaa fakkii dhagaa durii waggoota 17,500 dura dibamee jiru dabalatee seenaa badhaadhaa qaba.

Hojiiwwan aartii kunniin ummatoonni Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander seenaa aadaa isaanii, amantaa hafuuraa fi beekumsa barbaachisaa lafa kanaa itti fufiinsaan ittiin dabarsan akka giddugaleessa murteessoo ta’anii tajaajilaniiru.

Aartiin Abbootii Dachee qabeenya badhaadhaa , akkaataa fi tooftaalee bal’aa kan hammate , tokkoon tokkoon isaanii hidda gad-fageenyaan kan Saboota duraatti hidhatan, Biyya dhuunfaa, aadaa fi Hawaasa of keessaa qaba.

Haa tahu malee aadde Maria Watson-Trudgett dubartii Koorii fi dubartii ‘bishaan qulqulluu’ ummata Wiradyuri yeroo baayyee namoonni aartiin Aboorijiinaa maal akka ta'e ilaalcha dogoggoraa qabu jedhti.

Gorsituu Saboota Duraa fi artistii of barsiistee aadaa Aboorijiinaa ishee qooddachuuf quuqama guddaa qabdu dha.
MWT with artworks.JPG
Maria Watson-Trudgett is a First Nations consultant, a self-taught artist, and a storyteller Credit: Maria Watson-Trudgett Credit: Courtesy of Richmond Fellowship Queensland, 2019
"Namoonni tokko tokko fakkiin tuqaa aadaa fi bifa dhugaa aartii Aboorijiinaa qofa jedhanii yaadu.  Garuu kun akkas miti yaada mudaa qabu dha.

"Aartiin duudhaa keenyaa dhuguma aartii ta’uun dirqama miti, garuu cara caalu waa’ee meeshaalee hojjettuuf mallattoo addaa baasuufi, Muka irratti bocanii ayyaana fakkeessuuf ykn bakka awwaalchaa fakkeessuuf ykn qaama irratti dibuu fi sirna ayyaanotaafaatiif", jechuun ibsiti.

Aadde Watson-Trudgett itti dabaltee, tuqaan-dibuun bara 1970ta keessa sochii aartii Gammoojjii Dhihaa Papunya irraa dhufee waliin uumame. Hawaasni Aboorijiinaa xiqqaan kun kaaba dhiha Alice Springs irraatti argama. Achitti ture kan artistoonni Aboorijiinaa seenaa aadaa isaanii kanneen akka uccuu fakkaatu irratti dibuu jalqaban.
Akkaataan aartii Aboorijiinaa artistoonni seenaa isaanii fi aadaa isaanii dabarsuudhaaf itti fayyadaman hedduu dha. Akkasumas, aartiin Aboorijiinaa kami iyyuu kan namni Aborjinaa tokko biyyaa fi aadaa isaa wal qabsiisuuf dibuu akkasumas walitti dhufeenya miraa fi of-tahummaa uumufii dha.
Maria Watson-Trudgett

Aadaa kaaniif qooduu

Aadde Watson-Trudgett dhiphina barnoota Yunivarsiitii itti boqochuuf bara 2009tti aartiidibuu jalqabde. Garuu aartiin karaa itti “sammuu callisiisuu” qofa osoo hin taane waan baay’ee akka of keessaa qabu yeroo muraasa booda hubatte.
“Artiin anaaf waan baayyee gati-qabeessa, sababni isaas akka nama Aboriginaa tokkotti, kun dhimma seenaa koo namoota kaan waliin qooddachuu fi aadaa koo jiraachisuuf. Dabrees aadaa Aborijinaa koo fi Biyya koo waliin walitti na hidha, ummata koottis. Akkasumas dandeettii ani yeroon Biyya koo keessa maatii koo waliin yeroon jiraachaa ture horadheettis hidhata naa tolcha.
Maria Watson-Trudgett
Artistiin Gamilaraay/Bigambul fi Yorta Yortaa, Arkeria Rose Armstrong, seenaa akkawoon ishee itti himte jaalalaan yaadatti.

Akkawoon ishee maanguddoo Gamilaroyii yemmuu taatu, naannichatti warra boodanaa cirracha fakkii hojjetan(sand painter) keessaa tokko turte.

"Lafa irra , Biyya irra, Biyya cirrachaa irra teessee seenaa ishee nutti himti turte, akkasumas seenaa cirracha keessaa nuti himti turte, jechuun ibsiti.

Seenaan kun dhalootatti dabraa dhufe, oduu uumaa, kan bineensaa, kan urjii fi muuxannoo akkawoo yeroo ijoollee turteef waa'ee biyyaa dabalatee jechuu dha. Seenaan tokkoon tokkoo isaa waan nama barsiisu qaba jedhti.
IMG_0580.jpg
Art has always been part of Arkeria Rose Armstrong’s life. Credit Arkeria Rose Armstrong
"Imala jireenya ishee fi seenaa ishee hojii aartiitiin agarsiisti turte. Kanaaf, mallotummaan baayyeen isaa fi fakkiwwan karaa kana nuu qoodama ture."

Aadde Armstroong aartii ishee Biyyoota ishee lamaan “wal-xaxaa” jechuun ibsiti.

Waan gammachiisaa mallattoolee fi waan yaada keessaa fakkiin kaa'uu kan akkawoo ishee irraa itti dabre fakkii kaasti, tooftaa isinni fayyadamtu ammoo kan akaakayyuu ishee ti, lachuu artistii turan waan taheef.

Adde Armstrong irra deddeebite seenaa ofii isheetii karaa aartii himuun akka isheen walitti dhufeenya seenicha waliin qabdu claqqisiistu ishee gargaare, miira hedduu itti fides- yaada kanas intala ishee waliin ni qooddatti.
Aadaan akka itti fufuuf, aadaa namaa qoodu qabda, akkasumas shaakaluu illee qabda. Dhaloota egereef qooduuf, si waliin yeroo hunda teessoo tokko irra tahanii Haasawa keessaa qooda fudhachu isaanii mirkaneeffatuu qabda.
Arkeria Rose Armstrong

Hidhata Aadaa waliinii

Davinder Hart artistii qomoon maatii isaa naannoo kibba dhiha Biyya Noongar, Dhiha Australia keessatti argamu dha. Duubbee aadaa isaa Biyya Ngemba , New South Wales waliin booda keessa utuu walitti hin deebi’in dura umrii ijoollummaa isaa Adealaiditti dabarse.

obbo Hart waggoota jalqabaa isaa keessatti qormaata guddaatu mudateera.Umurii isaa ganna 16tti mana barumsaa dhiisee hojii argachuuf rakkachaa ture, akkasumas qoricha sammuu hadoochu fayyadamu waliin wal'aansoo qaba ture.

Haa tahu malee, deeggersaa fi qajeelchi inni eessuma isaa fi obbolaa isaa irraa argatu jireenya isaa jijjiiruu keessatti meeshaa guddaa turem, kunis hojii aartii isaa keessatti ni calaqqisa ture.

"Amma eessuma koo fi obboleessa koo waliin wal arguu kootiin nan carroome. Isaan kanneen seeaa waa’ee biyyaa, amala akkan qabaachuu qabu fi  wantoota adda addaa ilaalcha gaariin akkan ilaalu na barsiisan," jedhe.

Obbo Hartiif, aartiin karaa itti aadaa ofiitti walitti dhufeenya qaban qofa utuu hin taane, haga tokko fayyinas.

“Yeroon aartii dibu akkuma boqonnaa gochuu ti. Haala madaalawaa tahe calaqqisiisa yeroo dibu.   Waaée design isaa fi akkamitti akka inni walitti dhufu qofan xiqqoo ishee yaada, garuu yeroo baayyee, beektu, dhugumatti hafuurri dhufee hojicha hojjeta, hojichi waanuma ofiin hojjetamaa jiru fakkaata, garuu baayyee wal’aansa gaarii dha, dhugumaatti dansa," jedha.
IMG_20231021_143030_105.jpg
Davinder Hart at Saudi Arabia, UN gala dinner, 2023. Credit Davinder Hart

Qaama Seeneffama kana waliin tahi

Aadde Watson-Trudgett akka ibsutti, artistoonni Saboota Duraa mallattoolee adda addaa hojii isaanii keessatti hammachuu danda’u, isaan keessaa tokko tokko Biyya isaaniif kan adda ta’an, kan akka hordoffii bineensotaa.

Sararoonni tooraan jiranii fi itti fayyadamni mallattoolee Aboorijiinaa hojii ishee keessatti mul'atu, akkaataa abbootiin ishee yeroo waan yaada keessaa fakkii kaasanii fi mallattoo lafa irratti kaasan waliin haasawan calaqqisiisa.

Mallattoowwan tokko tokko kan addunyaa maraa ta’uu danda'u, garuu kaan immoo artistoota adda addaatiif hiika adda addaa qabaachuu danda’u.

"Mallattowwan akkuma artistii dhimma itti bahuu sanii adda adda, tasuma mallattoowwan dhimma bahuun artistii tokko qofatti hidhata jedhtanii hin yaadinaa. " jedhti.
Qabxii jalqabaa gaariin seenaa hojii aartii sana keessatti himame gaafachuu dha jedhti aadde Armstrong.

"Namni Saboota Duraa tahe eenyu. Biyyootni kun kamfaa dha , maal fakkaatu? ” Akkuma gaaffilee kana gaafachuu jalqabdaniin nama sana arguu fi miira isaas dhaggeeffachuu dandeessan, " jedhti.

" Karaa ani ittiin hojii aartii koo namaa qooduu itti jaalladhu tokko, karaa exhibtion ti akkasumas achitti qaamaan argamuun, gad teessee, namoota waliin yeroo dheeraa fudhachuun aarticha itti himuu dha.

" Akka ani yaadutti si'a tokko tokko kaardii xiqqoo tokko irratti seenaa namaaf ibsuun nama daangessa. Nama sana waliin hariiroo ati qabdu irratti hundaawee amma ati qooddufis murtawaa dha. Akka dubartii Gamilaraay tokkootti nuti nama barachuuf qophaweef qooduuf qophii dha."

“ Of-gad dhiisaa, gaaffii gaafachuu hin sodaatinaa, " jedha obbo Hart itti dabalee.

"Achii hundi keenya iyyuu, waliin dubbannaa kana keessa hariiroo gaarii bu’uuressina."

Share