Hodhaa hodhuun aadaa Saboota Duraatti hidhata maal qaba?

Australia Explained: First Nations weaving - Aboriginal craftswoman splitting pandanus for weaving

Ramingining, Arnhem Land, Northern Territory, Australia, 2005. Credit: Penny Tweedie/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Fakkeenyi walxaxaa fi ulfaataa tekinooloojii fi aadaa Saboota duraa(first nation) karaa hodhaa adda addaa mul’ifama. Warri uffata hoddhan meeshaalee bareedinaas ni uumuu, garuu adeemsi kana hojjechuu mataan isaa hiikaa aadaa gadi fagoo qaba. Hodhaan namootaa fi biyya waliin walitti nama hidhu, nagaa sammuu namaa afeeru fi kanneen biroo of keessaa qaba.


Tuqaalee Ijoo
  • Wanneen hodhaman nama hodhe, biyyaa akkasumsa akaakilee fi abaabilee waliin hidhata qaba.
  • Hodhaan sammuuf nagaa kenna akkasumas walitti dhufeenya hawaasummaa uuma.
  • Namni hodhu sun mallattoo ofii isaa kan isa addatti ibsu godhee hodhuu danda’a
  • Dhiirris dubartiinis hodhaa ni hodhu.
Meeshaaleen hodhaman akkuma warra Saboota Duraa kana hojjetaniin adda adda. Tokkoon tokkoo hojii meeshaa hiikaa qabu hidhata mul’ataa nama meeshicha hojjete waliin fi biyya akkasumas hortee abaabilee fi akaakilee isaanii waliin hidhata qaba.

Hodhaan kun qabeenya naannoo kanneen akka qaccee, gogaa fi biqiloowwan walitti qabuu fi qopheessuun jalqaba.

Isaan kana irraa meeshaalee buburree kanneen akka waan itti waa baatan(basket), shaanii golboo, funyoo fi kiyyoofaatu irraa hojjetama

“Hodhaa(weaving) jechuun Afaan inglishiin jecha tokko qofa. Afaan afaan itti hiikkatan ofii keessatti garuu jechoota isaaf tahu qaba " jedhti Cherie Johnson. Isheen dubartii Gomeroi kibba NSW , Artistii fi barsiistuu dha.

"Wanti qabatamaan dhuguma nuti hodhaa yeroo jedhnu, aadaa keessatti kan beekame jiru- biqiltoota akkamii akka sassaabaman, yeroo waggaa akkamii, akkasumas nyaataaf kan dhihaatan maalfaatu akka walitti fufiinsaan sassaabamuuf argamu beekuu dha.”

Hodhaa Hodhaan walitti namoota fida.
Hodhaa Hodhuun dirqamatti citaa ykn kirrii fi adeemsa isaa barachuu qofa miti.

Dhaloonni adda addaa waliin taa'anii waliin haasa'u, seenaa qooddatu fi maaliif namootni akka hodhaa kana hodhan beekumsa aadaa itti hidhatee jiru baratu,akka kanaan dhalootni dhufu seenaa hodhaa kanaa itti fufu.

“Barbaachisummaan isaa dhugumatti waan ittiin hodhatte, wantootni ittiin hodhaman sun maaliif hiikaa addaa kennan, inni hodhame kun hojii maaliif dhimma baasa, akkasumas akkamitti sirriitti dhimma akka itti baatu beekuu dha. Waan baayyee of keessaa qaba jechuu dha” jedhti aadde Johnson.

Eyyee - Dhiirris hodhaa ni hodha

Luke Russell nama worimi naannoo NSW Newcastle keessa jiraatu fi hojjetaa dha. Hojiin isaas beekumsa sibiila ykn meeshaalee hojjechuu abbootii durii irraa barachuu fi dhaloota dhufutti karaa ijaarsa doonii, eeboo qurxummii qabuu fi meeshaalee birootiin dabarsuu dabalata.

He uses sophisticated weaving techniques to secure his canoes' ends or bind tools with woven rope. Tooftaalee adda tahetti fayyadamuun funyoo dhahuun kan ittiin qurxummii qaban meeshaalee biraa ittiin hidhuun fayyadama.

ijoolleen dhiiraa akka aadaa isaaniitti shamarran cinatti ogummaa hodhuu ni baratu, ijoollummaa isaanii irraa eegalee hanga umrii dargaggummaa isaaniitti, qajeelfama aango qabeettii haadha warraatiin.

"Daraggeessa tokkoof, keessumaa kan waan nuti gurbaa dhiira tokko gara dhiira nama guddaatti ol jennu irraa akka guddatu barsiifnu ogumaa kana guutummaa qabaachuu isaa waliini. Akkasumas ogummaawwan hanga sanatti baratu hundi dubartootaan barsiifamu turan." jedha obbo Russell.

Australia Explained: First Nations weaving -  pandanus palm fibre mats
Credit: Richard I'Anson/Getty Images

Hodhaa hodhuun sammuu buhaarsa

Cherie Johnson uses weaving to diarise her thoughts visually. She practices mindfulness by weaving with intent and pouring her thoughts into the object.

Cherie Johnson qalbii ishee bohaarsuuf hodhaatti fayyadamti. yeroo teessee hodhitutti qalbii ishee fi yaada ishii hojii hodhaa irratti gatuun nagooma sammuu ofii kenniti.

“Hawaasni keenya akkasitti wantoota adeemsisa" jedhti.  

“Wal tumsaa fi jaalalaan, akkasumas akka maatiitti haala dhuguma kabaja qabuun waliin adeemsisuu dha. Hodhaanis kanuma qaba.  Namoota walitti fida akka taa’anii waliin bohaaraa hodhan. Yeroo tokko tokko gartuu hodhaa keenyatti namootni taá’niidhuma shayee dhuguu qofaa fi akkasumas obboloottiwwan isaanii kaan waliin wal arguuf dhufu.”

Akkaataa itti hodhaa hodhan gara garaa

Waanneen biqiltuu irraa argaman akka margaa, migrafaa biyyaa biyyatti adda adda, kanaaf hodhaanis yeroo hodhamee bahu akkuma kana adda taha.

Garuu warri hodhan ofii isaaniis meeshaalee isaanii irratti dandeettii fi akkaataa mallattoo mataa isaanii fidu.

Akka tokkottis gogaa, dhangala’aa, hundee, wantoota gosa hunda keessatti, waan bifa kennu ykn (pigmentii)  addaa fayyadamuus danda'ama.

"Artistiin naannoo sanaa tokko tahe jedhee halluu isa ibsu hodhaa isaa ittiin kuuluuf fayyadama." jedhti Cherie Johnson.
"Keessattuu namni iji isaa leenjii waa adda baafachuu qabu, naannoo meeshichi itti hodhame, dabree ammoo halluu, akkaataa itti hojjetamee fi qabiiyyee meeshichaa ilaaluun artiistiin hojjete eenuyu akka tahe illee beekuu danda’a.”
Cherie Johnson, artist and educator
Yeroo tokko tokko, bu'uura hodhaa sanii ilaaluun illee artisticha adda baasuu dandeessa. Denham..

Artist Nephi Denham Abbaa Qabeenya Aadaa Girramay [[GI-ram-ai]] naannoo Cardwell Kibba Queensland irraa ti. Hodhaa hodhuu adeera kootu na barsiise jedha.

" Artistootni keenya baayy

““Ana dabalatee baayyeen artistoota keenyaa, karaa adda addaa jalqabne" jedha obbo Denham.

"Harka bitaanis haa tahu mirgaan hodhuu, hundeedhuma isaa irraa, akkaataa nuti itti jalqabne mul’ata. Kanaaf dhugumatti eenyu maal akka hojjete beeduu dandeessa.

.”

Australia Explained: First Nations weaving - Woman weaving basket with pandanus palm fibre
Credit: Richard I'Anson/Getty Images

Itti hirmaachuu dandeenyaa?

Cassie Leatham artistii ogummaa hedduu qabuu fi ogeettii hodhaa uffataa kan taate ummata Taungurung saba Kulin Victoria irraa ti Workshopii Saboota duraaniin-durfamu kan namoonni abbootii dachee hin tahin akka gad fageenyaan dhaggeeffatanii fi hordofan haala mijeessiti.

Hirmaattotni qalbifatanii gad fageenyaan akka dhaggeeffatanii fi waa'ee hodhaa Saboota Duraa eessaa akka dhufee fi hariiroo inni abaabilee fi akaakilee isaanii waliin qabu hubatanii akka dabarsanii himan gaafatna.

" Workshopiin kun kan namoota Saboota duraan durfamu tahuu akka beekanii fi akkasumas barbaachisummaa beekumsa qabiyyee aadaa keenya nuti as Australia keessatti qabnu hubatanii deemuu qabu." jedhti adde Leatham

Kun waa'ee Dambiin kabja kennuu ti. Beekumsa keenya bilisaan qooduu dandeenya ta'us, faayidaa dhuunfaaf itti fayyadamuun hin tahu. Dabalataanis, barsiisa gorsitoota keenya Saboota Duraa wal irraa hin cinneef hubannoo fi beekamtii kennuu qabna.

Yeroo baayyee workshopiin karaa gumii gandaa e naannootiin beeksfama. Hawaasa hodhaa hodhuu Saboota Duraan durfamuu fi ayyaanota hodhaa kana itti mul’isan nama hundaaf banaa tahe marsariitii irra soquun, social media irraa fi laallee nama irraan argachuu dnadeessu

Idileetti mul'achuu

Hodhaa, guutummaa Australia keessatti agarsiisaa fi gurgurtaan galma gurguddoo fi xixiqqoo keessatti mul’achaa jira. Bakka dhuunfaa fi ummataaf kan ajajaman yoo ta'u, daandii balalii faashinii irratti illee agarsiifamu.

Galmoonni ykn galariin adda addummaa aadaa saboota jalqabaa fi naannoo agarsiisuun barbaachisaa dha.

“Wanti guddaan hodhaan wal qabatee jiru dhugumatti waan dabre qalbii keessatti ilaaluu dha, kan ammasa jiru, kanaaf nuti warri hodhaa hodhinu hundi dhaloota dhufuuf jecha itti fufnee jirra.” jedhti Cassie Leatham

“Kanaafuu, namootni gara galma galari yeroo seenan  hodhaan keenya kan Australia walii galaa tahuu fi namni hunduu addatti aadaa isaatti kan hidhatu seenaa hodhaa kirrii ykn biqiltuu irraa tahe ni qaba. Kan hundaa iyyuu tokko miti.”

Share